Ijaarsi terminaalaa Atobisii Markaatoo dhibbantaa 46 irra ga'eera

113

Finfinnee Guraandhala 8/2011 ijaarsi terminaalaa Atobisii Atobisii Markaatoo dhibbantaa 46 ga'uusaa waajjirri qindeessaa sagantaalee geejjibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee beeksise.

Itti gaafatamaan bulchiinsa tiraanispoortii lafoo fi geejjiba ummataa Waajjirichaa obbo Naatinaa'eel Caalaa akka jedhanitti, Markaatootti imaltoota qananiisee si'a tokkotti tajaajiloota hedduu kennuu kan dandeessisu terminaalli ammayyaa birrii miiliyoona 200n ijaaramaa jira.

Ijaarsisa kana bara bajataa 2011 xumuruuf karoorfamee hatattamaan hojjetamaa akka jiruu fi raawwiinsaa dhibbantaa 46 irra akka ga'e dubbataniiru.

Tarminaaliin si'a tokkotti Atobisoota 20 keessummeessu kun karaa seenanii fi karaa ba'an kan mataasaanii kan qabu darbii lama, biiroowwan bulchiinsaa, iddoo Atobisii itti eeggata, bakka tikeettiin itti gurguramu, iddoo imaltoonni itti yaabbatanii fi bu'an of keessatti qabateera.

Markaatootti namoota bittaa fi gurgurtaarratti bobba'an kuma 50-80 ta'aniif rakkoo geejjibaa qaban furuuf yaadamee kan ijaaramu tarminaaliin kun, lafa kaaree meetira kuma 4 fi 125 irratti yoo ta'u, sa'aatii tokko keessatti fayyadamtoota geejjiba ummataa kuma 6f tajaajila kenna.

Bulchiinsi magaalichaa tarminaalota moofaa sadarkaa addunyaan irra ga'een fooyyessuu, hojii humna keessummeessuusaanii guddisuu fi misoomsuu hojjechaa akka jiru kan ibsan itti gaafatamaan kun, ijaarsi tarminaala Markaatoof dhakaan bu'uraa kan kaa'ame Hagayya 1/2010 akka ture yaadachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015