Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Onkoloolessa 01, 2020 irraa kaasee imaltootaaf tajaajila inshiraansii Covid-19 kennuu jalqabuu isaa beeksiseera.

68

Finfinnee, Fulbaana 26/2013(TOI)-Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Onkoloolessa 01, 2020 irraa kaasee imaltootaaf tajaajila inshiraansii Covid-19 kennuu jalqabuu isaa beeksiseera.

Daandiin qilleensaa guddichi Afirikaa kun tajaajila inshiraansii kana kan dhiyeessu imaltoota idil-addunyaa hundaafidha.

Haala kanaan Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa imaltoota dhibee Covid-19 qaban deebisuu, baasiiwwan bakka itti adda baafamanii turaniifi wal'aansa fayyaa barbaachisan hunda akka kaffalu ibsa baaseen hubachiiseera.

Inshiraansiin maqaa "Sheebaa Konfoort"jedhu moggaafame kun imaltoonni Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaan yeroo imalanitti Covid-19'n yoo qabaman baasii wal'aansa fayyaa isaanii hanga Yuuroo kuma dhibbaatti akka kaffalamuuf himameera.

Kana malees adda baasanii tursiisuuf guyyaatti Yuroo 150 guyyoota 14f akka kaffalu odeeffannoon Daandii Qilleensichaarraa argame ni mul'isa.

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa imaltoonni yaaddoo tokko malee fayyaafi nageenyi isaanii eegameefii akka imalaniif jecha tajaajila inshuraansii kana akka jalqabe beeksiseera.

Tajaajila inshiraansii idil-addunyaa kana ilaalchisuun Hoji-gaggeessaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Obbo Tawaldee Gabremaariyaam"Addunyaa irratti daandiiwwan qilleensaa eegumsa nageenyaa cimaa hojiirra oolchuun adda duree ta'an keessaa tokko ta'uu keenyaaf guddaa gammamna.

Inshuraansii idil-addunyaa Covid-19 kennuudhaan ofitti amanuu imaltoonni keenya qabaatan ni daballa," jedhan.

Yeroo ammaa kanatti vaayirasii koronaa waliin walqabatee imaltoonni yaaddoo keessa jiru.

Sababa kanaaf, Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa jijjiiramoota barbaachisan taasisuudhaan nageenya imaltootaa eegsisuu hojii ijoo taasifachuu beeksiseera.

Inshuraansiin Sheebaa Konfoort Aksaa Paartinariifi Kampaanii Inshuraansii Awwaash waliin ta'uudhaan tajaajila kan kennuu yoo ta'u, inshuraansiin kunis tikeetii imala dhaqaa galaaf guyyoota 92'f , imala al tokkoof ammoo guyyoota 3'f kan kennamu ta'a jedhameera.

Tajaajilli inshuraansii Covid-19'f Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa dhiyeessu kun Onkoloolessa 01, 2020 hanga Bitootessa 2021tti kan turu jedhameera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015