Manneen Barnootaa kuma 34'f bishaan itti fufinsaan dhiyyeessuuf hojjatamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

54

Finfinnee, Fulbaana 26/2013(TOI)- Manneen Barnootaa kuma 34'f bishaan itti fufinsaan dhiyyeessuuf hojjatamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministirri Barnootaa Dr.Injinar Geetaahuun Makuriyaa raawwii hojii baatii 3 ilaalchisuun ibsa kennaniin manneen barnootaa kuma 34 dhiyeessi bishaanii akka hin qabne himan.

Rakkoo dhiyeessii bishaanii kana furuufis hojjetamaa jira kan jedhan Dr.Injinar Geetaahuun Yuunvaarsiiti Finfinnee waliin ta’uun manneen barnootaa kuma 3 irratti bishaan gadi fageenyaa hangamii keessatti akka argamuu qorannoon qoratamaa jira jedhan.

Maddi:-Ministeera Barnootaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015