Irreecha UNESCOtti galmeesisuuf qorannoon xumuuramee galmeef qophii'i ta'ee jira

68

Finfinnee Fulbaana 22/2013(TOI)-Irreecha UNESCOtti galmeesisuuf qorannoon xumuuramee galmeef qophii'i ta'ee jira. Qabeenya Aadaa keenyaa harkaa qabnu kunuunsuu qabana jedhan Ministera Aadaa fi Turizimii aadde Hiruut Kaasaa.

Aaddee Hiruut kana kan dubbatan simpooziyeemii irreechaa 2ffaa guyyaa har'aa Finfinnee hootela sharaatenitti geggeeffame irrattidha.

"Qabeenya aadaa keenyaa harkaa qabnu kunuunsuu qabna.
Irreechi ayyana jabaa abbootiif haadholiin jabaatanii kunuunsanii asiin gahan waan ta'eef galata qabu.
Irreechii ayyaana bakka namni jaalalan itti walargudha.

Ayyana bareedaa fi kabajamaa kana kunuunsanii itti fayyadamuu caalaa filannoon biraa hin jiru. Dargaggeeyyiin weerara aadaa alaan akka hin koloneffatamne of eeguu qabu.
Warri aadaa isaanii kunuunsa har'a gahaan dinagdeef hawasumman bakka guddaa jiru jedhaniru..

Aaddee Hiruut ,simpooziyeemin akkanaa geeggeffamuu qofaa osoo hin taane hojii qabatamatti jijjiramuu qabas jedhaniru.

Irrechi bu'aa diinagdee guddaa qabachus aaddee Hiruut himaniru. Kanaaf immoo damee turizimii karaa kana jiru cimsuu akka barbachisuus akeekaniru.

Irreecha UNESCOtti galmeesisuuf qorannoon xumuuramee galmeef qophii'i ta'ee jira.
Bara kana yeroo Ayyanicha kabajnu karaa dhibee vaayirasii koroonaan nu saaxilleen kabajuu qabnas jedhaniru..

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015