Pirezidaantonnii naannolee gargaraa Ayyaanni irreechaa sadarkaa idil addunyaatti beekisisuuf gahee keenya ni baana jedha

75

Finfinnee, Fulbaana,22/2013(TOI)-Pirezidaantonnii naannolee gargaraa Ayyaanni irrechaa sadarkaa idil addunyatti beekisisuuf gahee keenya ni baana jedha.
Simbooziyeemii irreechaa 2ffaa guyyaa har'aa Finfinnee irratti argamuun haasaa kan tasisaan pireezidantonni naannoo adda addaa ummata isaanis bakka bu'uun baga geessan jedhaniru.

Pireezidantiin naannoo Sumalee obbo Musxafee Umaar sirna kanarratti kan isaan jedhan,ayyanni irrechaa erga waggaa sadii as hoo'ee kabajamuu eegalee jira. Kun haaromsa aadaa agarsiisa.

"Ayyanichi kan hunda keenyati. Ayyaana gabbachuu qabudha. Kanaaf Ayyana fi aadaa keenyaa gabbifachuun nurraa eegama. Ayyanni akkanaa tokkummaa Kenya kan cimsudha" jedhaniru Pirezidaant Musxamee haasaa tasisaniin.

Pireezidantiin naannoo kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw simpoosiyeemicha irratti argamuun haasaa tasisaniru. Isaanis
maqaa uummata kibbaan baga geessan erga jedhanii boodaa irreechi ayyaana keenya hundati.Ayyana jaalala,tokkummaa fi gammachuu labsuudha.Duudhaan ayyanni kun qabu otoo dursinee hijiirra oolchaa turree yoona bakka guddaa jirra.
Amma saffisaan duudhaa kana itti fayyadamnee adunyaaf fakkenya ta'uu qabna. Ayyana hunda keenyaa waan ta'eef cimsinee kunuunsuus qabna. Addunyatti beksisuuf cimnee hojjenna jedhan.

Pirezidantoonnii naannoo Gambeellaa fi Harariis simpoosiyeemii irreecha 2ffaa irratti argamuun haasaa tasisaniiru. Ayyaanni irrechaa ayyana tokkummaa,obbolummaa,fi jaalala ittiin gabbifannu waan ta'eef yeroo itti nu barbaachisu keessaa jirra jedhan.
Duudhaan kun biyya keenyaaf heddu barbaachisa itti fayyadamee dhaloota itti aanus hubachiisuu qabna.
Aadaa akkanaa kana kunuunsuu fi beeksisuutu nurra jira jedhan.

Bakka bu'aan naannoo sidaamas simpooziyeemii kanarratti haasaa tasisaniru. Isaanis haasaa isaniin Qorannoon duudhaa irreecha irratti jalqabame cimuu qaba.
Akka Naannoo Sidaamaatti irreecha kabajuu eegallee jirra. Of-danda'ee akka UNESCOtti galmaahus uummata Oromoon waliin taanee cimnee hojjenna jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015