Baankiin Addunyaa Ityoophiyaaf deeggarsa doolaara miiliyoona 400 raggaasiise

73

Finfinnee, Fulbaana 22/2013 (TOI)-Baankiin Addunyaa Ityoophiyaaf deeggarsa doolaara Ameerikaa miiliyoona 400 raggaasisuu Ministeerrii maallaqaa ifoomsera.

Deeggarsi maallaqicha Ityoophiyaatti proojaktii seeftineetii magaalaa deeggaruuf oola jedhameera.

Deeggarsicha keessaa doolaarri Ameerikaa miiliyoonni 50 baqattootaaf carraa hojii uumuuf kan kaayyeeffate ta’uu Ministeerri maallaqaa fuula Twiitara isaan beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015