Fooramiin Irreechaa marsaa 2ffaa har’a Magaalaa Finfinnee Hooteela Sharaatanitti ni taa’ama jira.

123

Finfinnee Fulbaana 22/2013(TOI)- Fooramii Irreechaa 2ffaa irratti Pireezeedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa,Kantiibaa itti aantuun Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dabalatee Hoggantoonni Fedeeraalaafi naannoolee,dipplomaatoonniifi keessumoonni gara biroos argamaniiru.

Hogganaan Birroo Aaadaa fi Turizimii Oromiyaa Obbo kabbadaa Deesisaa keessumootaa fooramii kanarrattii argamaniin baga nagaan dhufta erga jedhanii booda baga jala bultii irreecha bara 2013 geessanis jedhan.

Irreechaa ayyana jalalaa,nagayaa fi mallattoo tokkummati kan jedhan obbo Kabbadaan irreechi ambaa waloo sabaafi sablamoota Itoophiyaati. Kanaaf gara fuula durattiis caalaatti Ireechi Waltajjii tokkummaan Uummata Itoophiyaan itti mirkanaahaa deemu ta'a jedhan.

Oromoon waregama dheeraaf guddaa kafalee asiin gahe.Ayyana kana caalatti beksisuuf carraaqqiin godhamaa jira. Irreechaa bakka dagatamee kaasuuf hojiin waggaa muraasa keessatti hojjetame laayyoo miti.

keessayyuu hojii waggoota murasa darbaan hojjetaman keessatti gaheen pirezedaantii naannoo Oromiyaa obbo shimallis abdiisaa fi ministira muummee Dr Abiyyi Ahmad laayyoo miti jedhan.

Dhaloonni ammaa Sirna Irreechaa kana kunuunsuun caalaatti gabbisee dhaloota dhufuus dhaalcisuu qaba jedhaniru obbo Kabbadan.

Obbo kabbadaan Milkahina ayyanichaaf warra gumachan hunda galateeffatan.

Aaddee Adaanech Abebee haasaa Fooramii irrechaa magaalaa finfinnee hootelaa sharatenitti geggeeffama jirurratti haasaa tasisaniin Oromoon waaqa malkaa,tulluu fi bishaan uume jedhee waaqa galateeffata.Irreechi ayyana dhifamaf galateeffannati. Haloo,jibbaa fi waan saba facasu irraa of eegee irreffta.

Dhaloonni ammaa ayyana seenaa kana eeguu qaba.
Ayyanni hammataafi hunda hirmaachisa ta'ee kun waggoota dheeraa magaalaa Finfinnee keessaa dhiibamee ture sababa qabsoo keenyaan Finfinnetti debi'ee waggaa 2ffaaf kabaja jira jedhan.

Bara kana yeroo ayyana kana kabajini haalaa yeroo jiruun namoonni hedduun irratti hirmaachuuf rakkisaa ta'uu danda'a.Otoo ayyana kana Oromoon Marti yaa'ee kabajee bu'aa guddaa qaba.
Ayyanni irreechaa bara kanaa sababaa vaayirasii koroonaan nama muraasan kabajna. Dhibee kana irraa of eegnee bara dhufu gamtaan baay'annee kabjna jedhan.

Uummanni Finfinnees ayyana kana midhaksuuf gahee keessan bahuu qabdu jedhan.Aadde Adaanech.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015