Gareen haleellaa shororkaa raawwachuu fi walitti bu’iinsa kakaasuuf socho’aa ture dabaalota isaanii waliin to’atamuu Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyoolessaa beeksise

59

Finfinnee, Fulbaana 22, 2013 (TOI) – Gareen haleellaa shororkaa raawwachuu fi walitti bu’iinsa kakaasuuf socho’aa ture dabaalota isaanii waliin to’atamuu Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyoolessaa beeksise.

Tajaajilichi akka beeksisetti ayyaana Irreechaa magaalaa Finfinnee fi Bishooftuutti kabajamurratti gareen Adda Bilisummaa Ummata Tigraayirraa ergama fudhachuun miidhaa shororkaa qaqqabsiisuu, fincilaa fi walitti bu’iinsaa kakaasuuf socho’aa ture ABO Shaneen dabaalota isaanii waliin to’atamaniiru.

Garichi miidhaa meeshaa waraanatiin deeggarame qaqqabsiisuuf socho’aa tureera jedheera tajaajilichi.

Garee kana waliin Kilaashiin 10, rasaasa 280 Maqaleedhaa gara Baatiitti osoo imalchiifamuu Fulbaana 16,2013 Kibba Walloo magaalaa Hayiqitti konkolaattaa waliin to’atameera.
Humnichi naannoo Oromiyaatti fincilli, jeequmsi, walitti bu’iinsi akka uumamu socho’aa tureera.

Namni Indiriis Iyyaasuu Mahaammad jedhamu Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannoo Tigraayii fi hoggansa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay muraasarraa ergama fudhachuun badii qaqqabsiisuuf socho’aa tureera jedheera Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyoolessaa.

Baatiiwwan darbanittis Kamisee, Maqalee Finfinneetti badii raawwachuuf deddeebi’aa tureera jedheera.
Ergamichas fudhachaa kan ture hogganaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannoo Tigraay Takki’uu Mitikkuu fi hoggansa addichaa muraasarraayi jedheera tajaajilichi ibsa isaatin.

Qindeessaan garichaa Indiriis afaanota 5; afaan Amaaraa, afaan Oromoo, afaan Somaalee, afaan Arabaa fi afaan Afaar dubbachuu danda’a.

Tajaajilichi Koomiishinii Poolisii Federaalaa, Poolisii Naannoo Amaaraa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI waliin qindoominaan hojjechaa turuu beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015