Leenjisaan garee kubbaa miilaa Itoophiyaa Wubatuu Abaataan taphattoota 40’f waamicha taasisaniiru

288

Finfinnee Fulbaana 20/2013(TOI)- Wiixata darbe leenjisaa garee kubbaa miilaa Itoophiyaa ta’uun kan muudaman Wubatuun gulaallii Waancaa Afrikaa fi Addunyaaf taphattoota biyya keessaa fi alaa jiran 40’f waamicha dhiheesaniiru.
Leenjisichi goolii eegdota shan kan filatan yoo ta’u, Abel Maammoo Raayyaa irraa, Mintasinoot Aloo Sabbata irraa, Takla-Maariyaam Shaanqoo Buna Itoophiyaatii, Sa’id Habtaamuu Jimmaa Abbaa Jifaarii, Yidnaqaachoo Kidaanee Walqixeerraa filamaniiru.
Ittisa irratti taphattoonni 11 filamaniiru. Anteneh Tesfaayee Sabbatarraa, Suleemaan Saamid Adaamarraa kanneen ittisaratti filaman keessaayi.
Sarara gidduuratti taphattoota 19'f waamichi taasifameera. Sabbataaf kan taphatu Mas'ud Mohaammad gara garee biyyaalesaatti deebi’eera.
Sarara fulduraarratti ammoo taphatoonni shan kan filaman yoo ta’u,Getaanee Kabbadaa,Mujib Qaasim, Masfin Taaffasee, Baayyee Gazahaanyii fi Abuubakar Nasiruu filamaniiru.
Leenjisichi kaleessa Asraat Abaataa fi Anwaar Yaasiin gargaartota isaa gochuun yoo filatau, Dassaalenyi G/Goorgis ammoo leenjisaa goolii eegdotaa taasisuun filateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015