Hawaasni ofeeggannoo barbaachisu taasisuudha ayyaanicha kabajuu akka qabu dhaamame

53

Finfinnee, Fulbaana 20, 2013 (TOI) – Hawaasni ofeeggannoo barbaachisu taasisuudha ayyaana Irreechaa kabajuu akka qabu Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa dhaame.

Hoogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangiistuu Baqqalaa kabaja ayyaana irreechaa ilaalchisuun ibsa laataaniin, hawaasni gaafa kabaja ayyaana Irreecha hora Finfinnees ta’ee hora Harsadee adeemu konkolaataa ittiin imalu qulqulleessuu akkasumaas haguugii afaanii godhachuun gara kabaja ayyaanichaa akka dhufu dhaamaniiru.

Hawaasni akka carraa ta’ee haguuggii afaanii otuu hin godhatiin kan dhufu yoo ta’ellee Biiroon Fayyaa Oromiyaa fi Biiroon Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin ta’uun akka dhiyeessan himaniiru.

Kabaja ayyaanicharratti saaxilamummaan covid-19 baayyachuu waan danda’uuf hawaasni xiyyeeffannoo guddaa laachuu qaba jedhaniiru.

Akkasumas bakkeewwan ayyanichi itti kabajamutti tajaajila yaala kennuudhaf qophiin xumuramuu ibsaniiru.FBC wabeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015