Rakkoo qonanbultoota Finfinnee furuun hojii boruuf hin dhifamne-Aadde Adanech Abeebee

55

Finfinnee Fulbaana 18/2013(TOI) - "Qonnaan bultoota Finfinnee sababa misoomaatiin qe'ee isaaniirra buqqa'an dandamachiisuufi miidhaa xinsammuu isaan quunname irraa fayyisuuf beenyaan kennamu ga'aa ta'uu baatus, yakka sababa misoomaatiin isaanirra ga'e amananii tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun kan boriif hin dhiifamne" - kantiibaa itti aantuu Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee murtoo kaabineetiin qonnaan bultoonni Finfinnee sababa misoomaatiin qe'ee isaaniirra buqqa'an manneen waliin jireenyaa akka argatan murtaahee ture.

Murtiin kun osoo hojiitti hin hiikamni waan bubbuleefi qonnaan bultoota abbaa mirgaa ta'an biratti madda komii ta'uun qaama dhimmicha galtee siyaasaa godhachuu barbaaduufis holola sobaa ittiin afarsuuf oolaa ture.

Yeroo dhiyoo asitti dhimmi kun qoratamee murtiin darbes hojjiitti akka hiikamuuf koreen qonnan bultoota dhalattoota naannoo, caasaa mootummaa, bakka bu'oota qonnaan butootaa hirmaachise Komiishinii Qonna magaalaafi qonnaan bultoota Finfinneen hundaa'ee eenyu abbaan mirgaa kan jedhu qoratame adda waan baafameef tarkaanfiitti seenuuf.

Haaluma kanaan marii argannoo qorannoo xumuramerratti taasifameen, Bulchiinsi magaalaa Finfinnee kamisa dhufu qonnaan bultoota kuma 2 fi 97 adda baafamaniif furtuu manneen waliin kennuuf murteessuu isaa Adde Adaanechi himaniiru jechuun OBN gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015