Komiishiniin Poolisii Federaalaa Fulbaana 19 fi 20 bara 2013 sagantaa addaa qopheessufi. - ENA Afaan Oromoo
Komiishiniin Poolisii Federaalaa Fulbaana 19 fi 20 bara 2013 sagantaa addaa qopheessufi.
finfinnee Fulbaana 18,2013(TOI) -Komiishiniin Poolisii Federaalaa "ofiirra ummtaa fi biyyaaf" mata duree jedhuun Fulbaana 19 fi 20 bara 2013 Sagantaa gurguddaa qopheessuusaa beeksise.
Sagantaa Fulbaana 19 fi 20 bara 2013 qophaa'e kanarratti Dhaabbanni Poolisii biyyattii keessatti erga hundaa'ee sadarkaa irra ga'ee fi fulduratti maal fakkaachuu akka qabu irratti mariin paanaalii akka taa'amu, Komiishinarri Komiishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Indaashaawu Xaasawu himaniiru.
Sirna kanarratti hogantoonni olaanoo biyyattii dipiloomaatonni, abbootiin amantaa gara garaa waraqaa dhiyaatan irratti yaadasaanii ni kennu jedhamee eegama.
Hojiileen rifoormii Dhaabbaticha keessatti hojjetamaa turanii fi sadarkaa Poolisiin Federaalaa amma irra ga'e ni dhiyaatu.
"Tajaajiltummaa ummataa bu'uura godhachuun waadaa keenya guyyaa itti haaromsinudha" jedhan Jeneraal Indaashaawu.
Fulbaana 20 bara 2013 miseensonni Poolisii Federaalaa Addabaabayyii Masqalaatti bifa miidhagaa ta'een agarsiisa garaa garaa ni dhiyeessu jedhameera.
Daarekterootii Dhimmoota Kominikeeshii Komiishinii Poolisii Federaalaa irraa odeeffanne.