Naannoo Oromiyaatti, duulaa Midiyaa Hawaasaan (Feesbuukiin) manni baruumsa ijaarame tajaajilaaf qophaa’e

111

FinfinneeFulbaana. 18, 2013(TOI) – Naannoo Oromiyaatti, duulaa Midiyaa Hawaasaan (Feesbuukiin) manni baruumsa ijaarame tajaajilaaf qophaa’e.

Godina Boorana Aanaa Dubulluqitti manni baruumsa kanaan dura ture hirmaannaa hawaasaan ijaarame ture haala baruuf barsiisuf mijaata waan hin turreef, fayyadamtoota midiiyaa hawaasa biyya keessaafi alaa irraa galii walitti qabameen manni baruumsa kun haaromfamun barattoota fudhachuuf qophii xumure jira jedha Ministeerri Barnootaa.

Ijaarsi mana baruumsa kun Birrii miiliyoonni 1 baasii kan ta’e yoo ta’uu Feesbuukiin hojii gaarii akka kana keessattu hojii rakkoo hawaasa furu hojjecha jiras jedhameera.

Hirmannaan hawaasa gama hundaan bu’uura jijjiirama akka ta’ees ijaarsi mana baruumsa kanaa ni mirkaneessas jedhameera. Ministeera Barnootaa irra odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015