Ajjeechaa Aritisit Haacaaluu Hundeessaan walqabatee yakkoota raawwataman qorannoon naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa ture xumuramuu ibsame

72

Finfinnee, Fulbaana 16, 2013 (TOI) – Ajjeechaa Aritisit Haacaaluu Hundeessaan walqabatee yakkoota raawwataman qorannoon naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa ture xumuramuu ibsame

Ajjeechaa Artitisit Haacaaluu Hundeessaan walqabatee yakkoota raawwataman qorannoon naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa ture xumuramuu Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa beeksise.

Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa fi Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaa dhimmicha ilaalchisuun waloon ibsa laataniiru.

Ibsichaan Itti Aanaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa obbo Fiqaaduu Tsaggaa baatiwwan darban adeemsa qorannoo naannoo Oromiyaatti adeemsifame keessarri Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa, Poolisiin Federaalaa, Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa fi Poolisiin Oromiyaa waliin hojjechaa turuu eeraniiru.

Kanaanis, galmeen himataa 488 namoota kuma 5 fi 728 irratti himatni banamuu ibsaniiru.

Himatamtoonni kuma 3 fi 377 yakka aangoo mootummaa federaalaa jalatti kan kufu raawwachuun itti gaafatamni isaanii Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaala yoo ta’u, himatamtoonni kuma 2 fi 351 ammoo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa jala ta’u jedhameera.

Himatamtoonnii Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa galmee himataa 114 himatni isaanii qindaa’uu ibsaniiru.

Abbaan Alngaa waliigalaa Oromiyaa ammoo galmeen himataa 374 himatni qindaa’eera.

Kanneen keessaa namoonni 63 Hararitti sababa Siidaa fardaan bu’uura seeraa shoroorkeessuumaan kan itti gaafataman ta’u.

Ajjeechaa Artitisit Haacaaluu Hundeessaan booddee naannoo Oromiyaatti hokkara uumameen lubbuun namoota 167 darbuun namoonni 360 qaamaa kan hir’atanii fi qabeenyaa Birrii biiliyoonaa 4.673 miidhaan ga’uu eeraniiru.

Itti Aanaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa obbo Fiqaaduu Tsaggaa fi Abbaan Alnagaa Waliigalaa Oromiyaa obbo Huseen Usmaan ibsa waloo isaaniin manneen murtii himattoota banuuf kan dandeesisu qophiin xumuramuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015