Dooktar Abiy Yaa’ii waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti ergaa viidiyoo dabarsan

165


Finfinnee, Fulbaana 16, 2013 (TOI) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti ergaa viidiyoo dabarsan.


Dooktar Abiy yaa’ii waliigalaa hundeeffama waggaa 75ffaa dhaabbatichaarratti ergaa dabarsaniin jijjiirrama waggaa lamaa fi walakkaaf itti jirruun Ityoophiyaa ceesisuu cimsineet itti fufna jedhaniiru.
Gufuuleen kamuu jiraatanis Ityoophiyaa demokraatessuuf ni hojjenna jedhan muummee ministiraa.


Dooktar Abiy ijaarsa Hidha Haaromsaatin Ityoophiyaan Sudaanis ta’e Gibts miidhuuf kaayyoo hin qabduun ibsan.


Ergaa viidiyoon dabarsan kanas miseensonni yaa’ii waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 193 caqasaniiru.


Ijaarsi hidhichaa fayyadamtummaa waloo kan mirkaneesse akka ta’uuf jalqabaa kaasee hojjechaa turreerra, ammas hojjechaa jirra jedhan.
Mariiwwan dhimma hidhichaarratti gaggeeffaman waliigaltee ifaa fi seera qabeessa ta’een goolabamuu akka qabanis dhaamaniiru.


Proojaktiin hidhichaa eegumsa bishanaitiif gumaacha olaanaa qaba; ijaarramuun isaas qabeenyi bishanaii hedduun huurkan akka hin badne gargaara jedhaniiru.


Ityoophiyaanonni miiliyoonni 65 elektiriika dhabanii kukkana keessa jiru; proojaktichi dhugoomun ammoo kana fura.


Weerarri awwaannisaa, jijjiirramni qilleensaa, tamsa’inni vaayrasii koroonaa rakkoolee jajjaboo waggichaa akka turanis kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015