Paasportii haaressuun karaa onlaayiinin eegalufi akka tahe himame

90

Finfinnee fulbaana 16/2013(TOI)-Daarektarri Olaanaan Eejansii Galmeessaa Ragaa Bu'uura fi lammummaa Immigireeshinii Obbo Muujib Jamaal, komii yeroo dheeraaf hawaasni dhimma haaromsa Paaspoortii ilaalchise kaasuuf falli kaahamu himaniru.

Qaqqabummaa tajaajila kanaa babal’isuuf yaadame tahu ibsun, namoonni bakkuuma jiran ta’anii dokuumantii isaanii karaa intarneetiin eergun akkasumas karaa Baankii kaffaltin erga raawwatame booda Paaspoortii isaanii karaa Mana Poostaa naannawaa isaaniitti argamun akka isaan qaqqaabu hojjetamaa jiras jedhan Obbo Muujib.

Hojiin karaa onlaayiniin paaspoortii haareessu kunis harka 90 kan tahu qophiin isaa xumurameeras jedhan.

Lammiilee Itiyoophiyaa biyyaa alaa jiraataniif haaromsi paaspoortiifi kenniinsi waraqaa eenyummaa dhalataa bifa ammayyaa fi saffisaan akka kennamuf taasifamaa jiraachuus himaniiru.

Tajaajilli kunis tajaajilamtoonni qaamaan osoo hin dhiyaatiin baatii sadi osoo hin eegin guyyoota 12 keessatti qofa Paaspoortii isaanii haaressuun haala itti danda’an dirirrun hanga ammaa lammiilee Itiyoophiyaa Ameerikaa jiraatan haala kanaan kennamun erga eegale torbee sadi guuteeras jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015