Ayyanoonni amanti fi aadaa tatamsa’ina vaayirasii koronaaf sababa akka hin taane of eegannoon taasifamu qaba jedhameera.

59

Finfinnee Fulbaana. 16/2013(TOI) - Ayyaanoonni amanti fi aadaa akkasumas iddoo hawaasnni hedduminaan walitti qabaman tatamasa’ina COVID-19f sababa akka hintaaneef dursanii of eeggannoo gochuun akka barbaachisuu Deetaan Ministira Fayyaa Aadde Sahaarallaa Abdullaahi hubachiisaniru.

Fuldura kana ayyaanoonni kabajaman ayyaanooni Daamaraafi Irreechaa Addabaabayiitti bakka uummanni walitti qabameetti waan kabajamaniif tatamsa’ina vaayirasii koronaaf sababa akka hin taane dursa ofeegannoon taasifamu qabas jedhaniru.

Hawaasni gorsa abbootii amantaa, ogeeyyii fayyaafi abbaa Gadaa irraa darbu sirnaan hojiirraa oolchuu akka qabus aadde Sahaarallaan himan.

Yeroo ammaa kanaas haala dura ture caalatti tatamsa’ini COVID-19 dabalaa waan jiruf hawaasni ayyaanoota mana isaa keessatti kabaju akka qabus dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015