Baga ayyaana Masqalaatiin nagaan isin gahe jedhan Kantiibaan Itti aantuun magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Baga ayyaana Masqalaatiin nagaan isin gahe jedhan Kantiibaan Itti aantuun magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee
Finfinnee Fulbaana 16/2013(TOI)- Hordoftota amantaa kiristaanaa magaalaa Finfinnee keessa jiraattan maraaf, Itiyoophiyaanota biyya keessaa fi biyyoota alaa jiraattan maraaf baga ayyaana Masqalaatiin nagaan isin gahe jedhan Kantiibaan Itti aantuun magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee.
Ayyaanni Masqalaa duudhaalee aadaa fi amantaa irra darbee, Adunyaa maraaf waliitti dhiyeenya, tokkummaa, fi jaalala ummata keenyaa kan mul'ise waan ta'eef, ayyaana kana irratti walitti dhiyeenyi keenya cimee jaalalli keenya kan itti leellisu akka ta'un hawwas jedhan fuula feesbuukii isaanirratti.
Akkuma kanaan dura barametti baay'inaan walitti dhufne kabaju bannullee, qaamaan walirraa
fagaannee, afuuraan garuu tokko taanee nageenya magaalaa Finfinneef harka walqabannee tikfachaa kabajuu qabna jedhan.