“Ayyaana Irreechaa baranaa lubbuufi nageenya keenyaaf dursa kenninee kabajuu qabna”- Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa

239

Finfinnee Fulbaana 16/2013(TOI)- “Ayyaana Irreechaa baranaa lubbuufi nageenya keenyaaf dursa kenninee kabajuu qabna”- Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa

Ayyaanni Irreechaa baranaa kan Hora Finfinnee Fulbaana 23 bakka Dolool’oo Buddeenaa jedhamutti, borumtaasaamoo kan Hora Harsadii, Fulbaana 24 bara 2013 Magaalaa Bishooftuutti akka kabajamu Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo tibbana beeksiseera.

Barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoofi Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa Irreessoo akka Gaazexaa Bariisaatti himanitti guyyaa ayyaanni Hora Finfinnee barana ittikabajamu Areerii Bal’oo jedhama. Areerii Bal’oon ayyaana Bokkuuti.

Guyyaan ayyaanni Irreechaa Hora Harsadii ittikabajamu ammoo Adulaa Duraa jedhama. Ayyaana Adulaa Duraa jechuun ayyaana ifaa ykn aduu jechuudha.

Oromoon Irreecha Hora Finfinnee jaarraa tokkoofi walakkaaf dhabee ture deebifateef hawwiidhaan eeggachaa jira.

Ayyaanni Hora Harsadiis wiirtuu Sirna Gadaa ta’ee tajaajilaa waan tureef iddoo seena qabeessa ummatni Oromoo itti Waaqasaa galateeffatuudha jedhu.

Malkaan saaqamu malee hinba’u. Malkaafi Irreechi uumamaan walqabata. Fulbaana keessa waanti daraaree sanyii hingodhanne hinjiru. Oromoon oggaa diilalla, rooba, lolaafi cabbii gannaa keessaa gara booqaa birraatti ba’u Irreecha malkaarratti Waaqasaa galateeffata.

Akka isaan jedhanitti, “Sirni Gadaa lubbuu namaatiif dursa hirmaattonni ayyaanichaa weerara vaayirasii koronaa jalaa miliquuf gorsa ogeessota fayyaa fudhachuun walirraa fageenya qaamaa eeggannee, waltuttuqqiirraa of qusannee, maaskiifi alkoolii (saniitaayzarii) fayyadamuudhaan kabajuu qabna. Lubbuufi nageenya keenyaaf dursa yoo kennineedha kan barana dabarree kan ittaanu kabajuu dandeenyu” jedhan.

Hogganaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deessisaa gamasaaniin akka jedhanitti, sababa weerara vaayirasii koronaatiin Irreecha baranaa akka kanaan duraa hirmaattota miliyoonaan lakkaa’aman wajjin bakka tokkotti kabajuun waan hinmijanneef akkaataa murtee Gamtaa Abbootiin Gadaa dabarsaniin kabajuun barbaachisaadha.

Hirmaattonni ayyaanichaa ardaalee jilaa sagaliifi godinaalee Oromiyaa hundarraa waan dhufaniif baay’inni namootaa xiqqaa hinta’u kan jedhan Obbo Kabbadaan, hirmaattonni ayyaanichaa walirraa fageenya qaamaa eeggatanii, aguuggii afaaniifi funyaanii (maaskii) godhachuufi saniitaayzarii qabachuudhaan of eeggannoo barbaachisu hunda akka taasisaniif dhaamsa dabarsaniiru.

Kun ta’uu baannaan weerara vaayirasicha altokkotti godinaalee Oromiyaa hundatti tamsaasuu waan ta’uuf of eeggannaa cimaan taasifamuu akka qabus hubachiisaniiru.

Biiroo Fayyaa Oromiyaatti, Daarektarri Barnoota Fayyaafi Kominikeeshinii Sistar Sa’aada Ahmadis akka jedhanitti, Irreechi haala weerara vaayirasii koronaatiif nu hinsaaxilleen of eeggannoo cimaadhaan kabajamuu qaba.

“Nama fayyaa qabutu ayyaana kabajata. Nama fayyaa qabutu gammachuudhaan jiraata. Kanaafuu saaxilamummaa vaayirasichaarraa baraaramuuf gorsa ogeessota fayyaa, abbootii Gadaafi kallattii mootummaan kaa’u sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaadha” jedhan.

Weerara vaayirasichaa siyaasaan walqabsiisuun sirrii miti kan jedhan Sistar Sa’aadaan, koronaan addunyaa daangaa hanga daangaatti tamsa’ee hubaatii olaanaa qaqqabsiisaa jira. dhugaa kana maddiitti dhiisanii siyaasaa waliin walqabsiisanii hawaasa burjaajessuun dogoggora guddaadha jechuun ibsan.

Ayyaana Faasikaafi ibsannaa gaddaa ajjeefamuu Artisti Hacaaluu Hundeessaatiin walqabatee weerarri vaayirasichaa Oromiyaatti daran babal’achuus daarektarittiin eeranii, of dagannaan kun Irreecharrattis deebi’uu hinqabu jedhan.

Tamsa’inni vaayrasichaa keessumaa Finfinnee, Buraayyuu, Duukam akkasumas Bishooftuufi daran babal’achuu ibsanii, hirmaattonni ayyaanichaa maatiifi hawaasaaf sababa akka hintaaneef gorsa ogeessota fayyaa sirriitti hojiirra oolchuudhaan of eeggannoo cimaa taasisuu akka qaban yaadachiisaniiru.maddi dhaabbata press Itophiyaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015