Ministirri barnoota fi biroon barnoota oromiyaan waliin ta'uun manneen barnootaaf deeggarsa taasisani.

61

Finfinnee Fulbaana 15,2013(TOI)-Ministeerri Barnootaafi Biiroon Barnootaa Oromiyaa waliin ta'uudhaan Manneen Barnootaa tibba darbe magaalota Nageellee Arsii fi Shaashamanneetti rakkoon irra gaheef meeshaalee barnootaa deeggaran.

Ministirri Deetaan Ministeera Barnootaa,Obbo Miiliyoon Maatiyoos deeggarsa amma kenname cimsanii akka itti fufan himaniiru.

Hogganaa Itti aanaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa, Obbo Alamaayyoo Asaffaa rakkoo mudateen hamileen abbootii qabeenyaa barnootarratti hojjatanii fi barattootaaf maatiin barattoota akka hin cabneef jajjabeessaniiru.

Hogganan Waajjira Barnootaa Godina Arsii Lixaa Aabbuu Osaa fi Kantiibaa Itti Aanaan Magaalaa Shaashamannee Ibraahim Kadiir deeggarsa manneen barnootatiif taasifameef galateeffataniiru.
Maddi:- OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015