Torbee sadan darbanitti Ityoophiyaanoonni Jiddaa fi Riiyaaditti manneen sirreessaa keessa turan 672 gara biyyaa deebi’aniiru – Ministeera Dhimma Alaa

65

Finfinnee, Fulbaana 15, 2013 (TOI) – Torbee sadan darbanitti Ityoophiyaanoonni sanada malee Saa’ud Arabiya galuun Jiddaa fi Riiyaaditti manneen sirreessaa keessatti dararamaa turan 672 gara biyyaa deebi’uu Ministeera Dhimma Alaa beeksiseera.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa ambaasaaddar Diinaa Muuftiin hojiilee dippiloomaasii fi hariiroo alaa irratti hojjetamaniin walqabatee ibsa laataniiru.

Ityoophiyaannoonni 121 mana sirreessaa Beeruut keessa turanii fi biyyoota ollaatii gara biyyaa deebisuun danda’amuu ambaasaaddar Diinaan himaniiru.

Ambaasaaddar Diinaan ibsa isaaniin sosochii hojii dippiloomaasiis kaasaniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Gadduu Andaargaachaw walga’ii waggaa 75ffaa Ministirootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi walga’ii waggaa biyyoota misooman dubbatti hafaniirratti viidiyoo koonfaraniisn hirmaachuu isaanii ibsaniiru.

Akkasumas obbo Gadduun qooda fudhatoota waliin ta’uun dippiloomaatoota teessoo isaanii Finfinnee taasisaniif sosochii proojaktii maaddii biyyaa ilaalchisuun ibsa taasisuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015