Ayyana irreechaa ilalchisuun Abbaan Gadaa Gujii fi walitti qabaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Abbaan Gadaa Jiloo Maandhoo hawaasa godina Gujii Lixaa waliin mari'achaa jiru

106

Finfinnee Fulbaana 15,2013(TOI) - Abbaan Gadaa Gujii fi walitti qabaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo akkaataa ayyaanni Irreechaa itti kabajamu irratti bakka bu'oota hawaasa godina Gujii Lixaa waliin mari'atan.

Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee fi Hora Harsadeetti Oromootaan kabajamu laalchisuun Abbaan Gadaa Gujii fi walitti qabaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Abbaan Gadaa Jiloo Maandhoo hawaasa godina Gujii Lixaa waliin mari'achaa jiru.

Marii kanaan Abbaan Gadaa Jiloo Maandhoo Oromoon yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaa isaa cimsuu akka qabu dhaaman.

Ayyaanni irreechaa bara kanaa sababa dhukkuba vaayirasii koronaatiin akka durii kabajachuuf hin dandeenyu jedhan.

Ergaan Abbootii Gadaa Oromootiin Irreecha sababeeffachuun dabarsan ummanni Oromoo hojiirra oolchuu qabas jedhan.

Bulchaan godina Gujii Lixaa Obbo Tafarii Wondafraaw Ummanni Oromoo Irreechi baranaa karaa nagaatiin akka kabajamuuf namni hundi Abbootii Gadaa tumsuu qabu jedhan. Maddi OBN.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015