Qorannoon giddugala Arteefishaal Intalajansiitti qoratamaa jiru ji'oota jaha keessatti xumuramee hojiirraa oolaa jedhame.

71

Finfinnee Fulbaana 15,2013(TOI) - Olaanaa Gidduu gala Arteefishaal Intalajansii Injinar Warquu Gachanaa giddu galichi Qorannoo qorataa jiru ji'oota jaha keessatti xumuramee hojiirraa oolaa jedhan.


Gidduu gallichatti qorannoon Damee Afaanii,Fayyaa, Geejjibaa,Qonnaa, Saayinsii fi Teeknooloojii, akkasumsa kanneen biroo irratti qorannoon qoratamaa ture abdii namaa kenna.

Qorannoon kunis xumuramee ji’a jaha booda hojiirraa oolaa jedhameera.

Arteefishaal Intalajansiin hojiilee humna namaan raawwataman maashinaan deeggaramuun maallaqa, yeroo fi qisaasa’ina humnaa nama sadarkaa olaanaan ni hir’isa.

Giddugalli kun yaada Ministirri Muummee Dr Abiyyi maddisiisaniin kan ijaarame ta'uu himammeera jechun Dhaabbanni Pireesii Itiyoophiyaatu gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015