Abbootin Qabeenyaa Biyya keessaa Maatii Artistii Haacaaluu Hundeessaa fi Namoota Balaa Lolaatin miidhamaniif birrii miliyoona 16.5 arjooman

63

Finfinnee Fulbaana 14/2013(TOI)-Abbootin Qabeenyaa Biyya keessaa Maatii Artistii Haacaaluu Hundeessaa fi Namoota Balaa Lolaatin qe'eef qabeenya isaanirraa buqa'aniif deeggarsa qarshii mil16.5 taasisan

Deeggarsi kaan taasifameef maatii artisti Haacaaluu Hundeessaa jajjabeessuuf yoo ta'u,namoota balaa uumamaa wajjiin walqabatee yeroo ammaa rakkoof saaxilaman deebisanii ijaaruuf karaa abbootii qabeenyaa yeroo rakkoo fi gammachuu Ummata isaanii bira dhaabbataniin taasifameera.

Deeggarsa taasifameen Haadha Manaa Artisti Haacaaluutif addatti qarshii mil.5.5 Abbaa Artisti Haacaaluu,Obbo Hundeessaa Boonsaatiif Qarshii mil. 5.5 kan kennameef yoo ta'u namoota balaa lolaatin buqa'aniif mil.5.5 bakka Maatiin Artisti Haacaaluu Hundeessaa , koree abbootii qabeenyaatin hundaa'e fi Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti qarshii mil.16.5 arjoomameera.

jedhan
Hoogganaan Wajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetuu Wayyeessaa haasaa taasisaniin"Deeggarsi guyyaa har'aa abbootii qabeenyaatin taasifame waliin jireenya keessatti hariiroon cimaan jaalalaa fi tokkummaa irratti hundaa'e Mootummaa, Ummata fi abbootii qabeenyaa gidduu jiraachuu kan agarsiisuudha jedhan.


Kaayyoon guddaan deegarsichaa Maatii Artisti Haacaaluu jajjabeessuu bira darbee dhalli isaa akka hin rakkanne bira dhaabbachuu fi deeggarsa gootaaf taasimedha jedhan.

Namoota sababa guutuu laga Awaashin buqqa'an dabalatee miidhaa biyya keessatti uumameen namoota buqa'aniif taasifame kennaa lammiin, lammii isaatiif taasisuudha kan jedhan Obbo Geetun Mootummaanis duukaa bu'uun namoota balaa garagaraatin miidhaman deeggaruuf uummata wajjiin ta'uun kan hojjatu ta'uu dubbataniiru. maddi waajjira DhKMNO ti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015