Manneen Barnootaa Marsaa sadiin barnoota akka eegalan taasisuufi

78

Finfinnee Fulbaana 14/2013(TOI)- Murtee mana barnootaa irra deebiin banuu kana irrattti bakka ministirri muummee itti aanaa Dammaqaa Mokonnin argamanittii waajjira minitira muummetti geggeffamaa jira.

Marii kana irratti ministiroonni barnotaa,hoggantoonni biirolee barnoota naannoo,fi qaamoleen biro argamanii jiru.

Ministirri barnootaa Dr.Injinar Geetahuun Mokiriyaa akkaataa baniinsa manneen barnootaa kana irratti ibsa kennan.

Manneen barnootaa marsaa sadiin barnoota akka eegalan yaanni murtee dhihaatera.
magaalota baadiyyaa anaa fi gandoonni barnota marsaa duraa onkololeessa 9/2013 akka eegalan yanni dhihaate.

Manneen barnootaa magaalota godinaafi naannolee immoo marsaa lammaffaan onkololeessa 16/2013 barnoota akka eegalan yaanni murtee dhihaate.

Manneen barnootaa magaalaa finfinnee fi godina addaa oromiyaa nannawa finfinnee immoo onkololeessa 30/2013 akka eegalan yaanni murtee dhiyaatera.

Barattoota kutaa 8ffaa fi 12ffaa ilalchisee qormata biyyalessaf hundi isaanii akka fudhatan yaanni dhihaate.

Qormaanni kutaa 8ffaa sadaasa 22 fi 23 bara 2013,yoo ta’u warri qormaata gubbaa taa’uu danda’an barnoota kutaa 7ffaa xumuranii barnoota kutaa 8ffaa semisteera 1ffaa warra xumuuran jedhame.

Warri qormaata kutaa 12ffaa fudhachuu danda’an warra barumsa kutaa 11ffaa xumuurani fi kanneen barnoota kutaa 12ffaa semisteera lammaffaa hordofan qofa jedhame.

Qormaanni kutaa 12ffaa immoo sadaasa 28 hanga muddee 1/2013 akka ta’u yaada dhihaate irratti ibsamee jira.

Kenna barnootaa irratti madaalliin wal gitu kan manneen barnoota mootummaa warra dhuunfaa birattis hojiirra oolaa jedha.

Mariachi itti fufee jira. Maddi waajjira ministeera barnootati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015