jijjiraama sadarkaa biyyaatti waggoota lamaan darban kessaatti galma’anifi rakkoowwan mudatan haala furuun danda’amurratti jiraattoota magaalaa finfinnee walin mariyatame

60

Finfinnee Fulbaana 13, 2013(TOI) - Jiraattoonni Magaalichaa nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuu,hojiiwwaan seeran alaa qaala’insa jireenyaa dhaqqabasisan dursani ittisuufi weerara lafaa seeran alaa ittisuuf gahee mata isaani bahu qabu jedhan Kantibaa Itti Aantuun Magaala Finfinnee adde Adaanach Habeebee.

Aadde Adaanach, jijjiraama sadarkaa biyyaatti waggoota lamaan darban kessaatti galma’anifi rakkoowwan mudatan haala furuun danda’amurratti jiraattoota magaalatti walin mari’ataniiru.

Jiraattoonni kunneenis tarkaanfiwwaan bulchinsi magaalichaa rakkoo hawaasa furuf fudhate dinqisifachuun qaala’insa jireenyaa mudatu furu, bulchinsa gaarii mirkaneessuu fi fayyadamuummaa hawaasa mirkaneessuuf hojiiwwaan hojjatamuuf karoorfaman irratti gaaffiifi yaada qaban dhiyyeessaniiru.

Piroojektoonni gurguddoon magaalatti keessatti hojjatamaa jiran fayyadamuummaa hawaasummaa fi dinagdee jiraattoota mirkaneessuu irraa darbee midhaginaa magaalattif gahee olaanaa kan taphatan ta’u Aadde Adaanach himaniiru.

Ayyaana Masqalaa fi Irreechaa fulduratti kabajamuuf hawaasni dhibee vaayirasii koroonaa irraa of eegaa akka kabajuuf waamicha dhiyyeessaniiru.
Waajira kaantibaarra odeeffanne

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015