Omishni qamadii naannoo Affaritti eegalamuufi

66

Finfinnee Fulbaana 13/2013(TOI) - Oomishaa jallisii Qamadii Naannoo Affaaritti jalqabsiisuuf mariin taa’ame.

Oomisha jaalisii qamadii bara 2013 Naannoo Affaaritti jalqabsiisuuf marii gaggeeffamee irratti Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Affaar,ministirrii Ministeera Qonnaafi hogganttoonnii Mootummaa olaanoo irratti argamu ibsameera.

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Affaar Obbo Awwal Arbaa weerara vaayiraasii koroonaa caalaa naannoo keenya kan miidhe balaa lolaa nu mudateefi weerara awwaniisa gammoojjiiti jedhan.

Hojii jallisii bara 2013 oomishaa qamadii irratti hojjetamuf karoorfamee milkeessuf hirmannaa dargaggoota naannoo keenya jiranifi Ministeera Qonnaa waliin ta’uun hojjetamaa akka jiru Obbo Awwal Arbaa himaniiru.

Ministirrii Minsteera Qonnaa Obbo Umar Huseen gama isaanittiin bu’uuralee misoomaa naannichatti hojjetamaa jiru manni hojjichaa deeggarsa taasisuuf yeroo kamu caalaa cimee kan hojjetu ta’uu himan.

Akkasumas bara bajata kanatti oomishaa qamadii fi nyaata beeyldoota oomishuuf sanyiin gaha qophaa’uus himan.

Mariicha irrattis karoorafi kaayyoon biyyaattiin Oomishaa qamadii irratti qabatee jirtu fi humna oomishaa naannichaa irratti mariin taa’ameera.Ministeera Qonnarraa odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015