Mariin dhimma barnootaa iratti fuulleffatu geggeeffamaa jira

77

finfinne Fulbaana12/ 2013(TOI)- Mariin barnootaa hoggantoota ministeera barnootaa,biiroolee barnootaa naannoolee hirmaachise guyyoota lamaaf turu magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Kaayyoon marichaatiis haala qabatamaa jiru irratti hundaa'uun akkaataa manneen barnootaa itti banamanii adeemsi baruufi barsiisuu itti fufu irratti mari'achuun murteewwan dabarsuuf ta'uu Ministirri Barnootaa Dr.Injinar Geetaahuun Makuriyaa waltajjicha wayita banan ibsaniiru.

Haaluma kanaan guyyaan manneen barnootaa itti banaman,qormaannii kutaa 8 fi 12ffaa itti kennamu, fi haaloota adeemsa baruu fi barsiisuu mijeessuu danda'an irratti mari'chuun kan murtaa'u ta'a jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015