Godina Baaleetti ji’oota jaa’an darban galiin birriin miiliyoona 190 ol walitti qabame

51

Gobbaa Guraandhala 7/2011 Godina Baaleetti baatiiwwan jaa’an darban galiin birrii miiliyoona 190 ol walitti qabamuusaa abbaan taayitaa galiiwwanii godinichaa ibsan.

Itti gaafatamtuun abbaa taayitichaa adde Biraanee Warquu  akka jedhanitti, baatiiwwan jaa’an jalqabaa waggaa kanaatti galii birrii miiliyoona 187 walitti qabuuf karoorfamee ture.

“Caasaawwan mootummaa sadarkaadhaan argaman yaalii taasisaniin, waggaa darbe yeroo wal fakkaataa waliin wal biratti yemmuu ilaalamu galiin birrii miiliyoona 14 caalmaa qabu walitti qabuun danda’ameera” jedhaniiru.

Galiin walitti qabame bara bajataa kana walitti qabuuf kan karoorfame birrii miiliyoona 332 waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu ga’ee dhibbentaa 68  akka qabu eeraniiru.

Itti gaafatamtuun kun akka jedhanitti, fuuldurattis riifoormii gibirri itti sassaabamu hojiirra oolchuun, akkasumas waltajjiiwwan sosochii gibiraa uumuudhaan bara bajataa kanatti galii sassaabuuf karoorfame sassaabuuf xiyyeeffannoon kennamee akka hojjetamu dubbataniiru.

Itti gaafatamtuun kun akka jedhanitti, gibirri walitti qabame akka dabalu sababoota gargaaran keessaa shamattoonni waan bitanii fi tajaajila argataniif naga’ee akka fudhatan,  hojii hubannoo cimmsu deddeebi’ee hojjetamuu, taaksii waliin dhahuu fi maqsuu irratti hojiiwwan walitti fufiinsa qaban hojjetamuusaaniitiin bu’aa argame akka ta’e hubachiisaniiru.

Namoonni seeraan ala socho’aa turan gara sirna taaksiitti galuunsaanii dabaluu galiitiif sababoota gumaacha taasisan keessatti argamu.

Jijjiirama dhufe itti fufsiisuu fi deeggaruun kan danda’amu gibira barbaadamu yeroodhaan kafaluun akka ta’e waanin hubadhuuf kan narraa eegamu yeroo isaa eegee kafalaan jira kan jedhan magaalaa Ginniiritti daldalaa kan ta’an obbo Musxafaa Kadiridha.

Hanqina hubannoo kafaltooa gibiraa bira jiru cimsuun cinaatti, rakkoowwan hojmaata wal xaxaa gibira sassaabuurratti mana hojii abbaa taayitichaa keessatti mul’atanii fi bu’ura misoomaa neettiwoorkii hiikuun ni barbaachisa jedhaniiru.

Magaalichatti hojii meeshaalee elektirooniksii irratti kan bobba’an obbo Masfin Kabbadaa gamasaaniitiin, abbaan taayitichaa komee ramaddii gibiraarratti  ture hiikaa waan dhufeef daldaltoonni hedduun gibira irraa barbaadamu yeroon kafaluun dabalaa dhufeera.

Maashina galii guyyaa galmeessu fayyadamuun koo gibira mootummaa narraa barbaadamu kafaluuf na gargaaruurra darbee galii fi baasii koo hubadhee hojii daldalaa beekumsarratti hundaa’e akkan raawwadhu na gargaaraa jira kan jedhan ammo magaalichatti daldalaa kan ta’an obbo Umar Hasanidha.

Godina Baaleetti kafaltoonni gibiraa kuma 14 fi dhibba 9 kan jiran yoo ta’u, kanneen keessaa dhibba 7 kan ta’an galii taaksii dabalataa kan galmaa’an ta’uu odeeffannoon abbaa taayitichaarraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015