Bara baajataa kanatti lammiilee miiliyoona 1.5f carraa hojii uumuuf karoorfame

111

Finfinnee, Fulbaana 11, 2013(TOI) – Bara baajataa kanatti lammiilee miiliyoona 1.5f carraa hojii uumuuf karoorfamuu Ministeerri Misooma Magaalaafi Ijaarsaa beeksise.

Magaaloota Federaalaatti carraa hojii uumuufi bara baajataa 2013tti Ejansiin Wabii Nyaataa karoora isaarratti mari’achaa jira.

Sirna baniinsa waltajjii kanaarratti haasaa kan taasisan Ministirri Ministeera Misooma Magaalaafi Ijaarsaa Dr. Masfin Asaffaa bara baajataa kanatti lammiilee miiliyoona 1.5 ta’aniif carraa hojii uumuuf karoorfamuu himaniiru.

Carraa hojii uumamu keessaa %80 dhaabbiin ta’uu ibsuun gama biroon magaaloota dabalataa 72f piroojektiin wabii nyaataa karoorfamuus beeksisaniiru.

Kanaan dura magaaloota wabii nyaataa keessatti hamataman magaaloota 11 irra gara magaaloota 83ti ol guddisuun naannolee hundatti lammiilee kuma dhibba 4fi kuma 72f misooma naannoo, lammiilee kuma dhibba 1fi kum 52f immoo misooma kallattiifi lammiilee kuma 22 immoo deeggarsa adda barbaadan fayyadamoo taasisa jedhameera.

Maddi:- EBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015