Kaffaltoota gibiraa amanamoo ta’an 200f beekkamtiin laatame

122

Finfinnee, Fulbaana 8, 2013 (TOI) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad marsaa 2ffaan kaffaltoota gibiraa federaalaa amanamoo ta’an 200f beekkamtii kennan.

Sirna beekkamtii sadarkaa sadiin kenname kanaan , kaffaltoonni gibiraa 20 sadarkaa Plaatiiniyeemiin, 60 warqeen fi 120n sadarkaa Meetiin badhaafamaniiru.

Kaffaltoonni gibiraa kunneen mana hojii mootummaatti tajaajila dursaa akka argatan Dooktar Abiy qaajeelfama laataniiru.

Bara baajataa darbetti waliigala birrii biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona 70 galii walitti qabuuf karoorfamee biiliyoonni dhibbi 2 fi biiliyoonni 33 fi miiliyonni dhibbi 7 walitti qabamuu ibsameera.

Galiin kunis galii bara baajataa 2011 walitti qabame biiliyoona 35.5 caalmaa qaba jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015