Bara kana naannoo oromiyaatti Oomishni kuntaalli Miiliyoona 100 fi Miiliyoonni 91 ol argamuu akka danda'u himame

73

Finfinnee Fulbaana 07/2013(TOI) - Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Bara kana Oomishni kuntaalli Miiliyoona 100 fi Miiliyoona 91 ol argamuu akka danda'u hime.

Hoogganaan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee ibsa miidiiyaaf kennaniin qonna ganna baranaa adda kan godhu lafti qonnaa hektaarri kuma 300fi kumni 90n kilaastaraan qotamuu isaati jedhan.

Dhiyeessii oomishaa qonnaa yeroon qonnaan bultootaaf akka dhiyaatuuf hojii bal'aan hojjatamaa turuu kan himan Obbo Dhaabaan xaa'oo, Sanyii filatamaafi keemikaalota farra aramaafi ilbiilsotaa biyya alaatii akkuma galeen qonnaan bultoota biraan ga'uuf sochiin ture omishini gaariin akka eegamuuf sababa ta'uu ibsan.

Bara kanatti immoo Naannoon Oromiyaa Qonni lafee dugdaa diinagdee biyya kanaa ta'e bu'aa barbaadamu akka fiduuf xiyyeeffannoo guddaan midhaan gurguddaa Qamadii,Garbuu,xaafiifi Boqqolloof akka kennamu ibsan.

Keessumattu oomisha qonnaa Qamadiifi Garbuu biiraa alaa galchuu dhiisuuf xiyyeeffannoo kenninee hojjanna jedhan.

Qamadii qofti lafa hektaara kuma 300 irratti qotamuuf qophiin jalqabameera jedhan.

Dabalataanis oomisha ala ergii buna, kuduraafi muduraa fi midhaan zayitaaf xiyyeeffannoo kenninee sharafaa alaa argamsiisuuf ni hojjanna jedhaniiru.Maddi OBN.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015