Magaalaa Finfinneetti guyyaa sa’aati 10 hanga galgala 2tti konkolaattota fe’umsaa gurguddoo ofuun ni adabsisaa jedhame.

134

Finfinnee, Fulbaana 7, 2013 (TOI) – Magaalaa Finfinneetti guyyaa keessaa sa’aati 10 hanga galgala sa’aati 2tti konkolaattota fe’umsaa konkolachisuun hin danda'amu jedhame.

Konkolaachisaan saatii kanaan magaalicha keessa konkolataa fe'uumsa gurguuddoo konkolaachise akka adabamu Eejansiin Maanaajimantii Tiraafikii Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Konkolaachisaan qajeelfamicha darbee argamee Birrii 500 hanga 6000 akka adabamu eejansichi ibseera.

Eejansiin Maanaajimantii Tiraafikii Magaalaa Finfinnee, kana dura konkolaattota fe'umsaa gurguddoo magalicha keessa yeroo isaan konkolachifamuu danda'an irraatti daangaa sa’aati kaa’eet ture.

Sababaa Weerara vaayrasii koroonaan daangaa sa’atirratti fooyya’insa taasisun isaa ni yaadatama.

Dhiphina daandii fi balaa tirafikaa yeroo ammaa muul'dhata jiru hir’isuuf qajeelfama sochii konkolaattota fe'umsaa gurguddoorratti foyya’insa uumuu dandeessisu hojirra oolchu eejansichi ifoomseera.

Bu’uruma kanaan haala addaan eeyyama sochii kanneen kennameefin alatti guyyaa keessaa sa’aati 10 hanga galgala sa’aati 2tti konkolaattota fe'umsaa gurguddoo gara magaalaa galchuu fi sochoosuun kan dhorkame ta’u ibsameera.

Dabalataniis konkolaachiftonni daandii gurguddoorratti fe’uu fi buusuu raawwatan yeroo jalqabaaf Birrii kuma 1, yeroo lammaffaaf Birrii kuma 2 akkasumaas yeroo lamaa ol kan raawwate Birrii kuma 3 akka adamabamu himameera.

Eeyyamni konkolaachisuummas baatii tokkoof akka dhorkamu qajeelfamichaan ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015