Ayyaanni irreechaa bara kanaa namoota murtaaheen hora finfinnee fi hora harsadeetti fulbaana 23 fi 24 walitti aansuun kabajama

98

Finfinnee Fulbaana 6/2013(TOI)- Ayyaanni irreechaa bara kanaa namoota murtaaheen hora finfinnee fi hora harsadeetti fulbaana 23 fi 24 walitti aansuun akka kabajamu gamtaan tookkummaa baotii gadaa murteesse.

Gamtichi yaa’ii har’a magaalaa adaamati geggeesseen ayyaanichi akka hin hafneefi weerara koronaa irraa of eegaa namoota muraasaan akka kabajamu murtaahuu barreessaan gamtaa tokkummaa abbootii gadaa oromoo abbaa gadaa Goobana Hoolaa beksisa.

Abbaan gadaa Goobana Hoolaa ayyaanni irreechaa ayyana oromoon waaqa gaana keessaa birratti basee ittiin galateeffattus jedhan.

 Ayyaanichi hora finfinnee fi hora harsadeetti fulbaana 23 fi 24 walitti aansuun aabbootii gadaa,haadha siinqee fi namoota filatamaniin qofa kabajaamaa jedhan abbaan gadaa Goobana Hoolaa.

 Walitti qabaan gamtaa tokkummaa abootii gadaa oromoo abbaa gadaa jiloo maandhoo weerarri dhibee koronaa ayyaanota bara kanaa heddu hambisuu ibsuun irreechi uumama waliin walitti dhufeenya kallattii waan qabuuf akka hin hafneefi namoota muraasaan akka kabajamu gamtichi murteessera jedhan.

Haaluma kanaan abbootii gada ardaa jilaa oromiyaa saddettan naannoo amaaraa godina addaa saba oromoo dbalatee abbaa gadaa fi haadha siinqeen kabajama jedhan.

Hogganaan biiroo aadaaf turizimii oromiyaa obbo Kabbadaa Deessisaa, ayyaanni bara kanaa bakka uummanni oromoonaanoo  jiruti akka kabajuuf qophiin godhamaa jira jedhan.

Uummannis ergaa gamtaan abbooti gadaa dabarse kabajuun dhibee kana irraa of eegaa kabajuu akka qabu hubachiisan.

 Haala kabaja ayyanichaa ilalchisee ibsi bal’aan ni kennamas jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015