Ministeerri Fayyaa haala itti barnoonni eegaluu danda’u yoo ifa godhe barnoonni ni eegala

70

Finfinnee, Fulbaana 6, 2013 (TOI) – Ministeerri Fayyaa haala itti barnoonni eegaluu danda’u yoo nuuf mirkaneesse ni eegalla jedhan Ministeerrri Barnootaa Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa.

Sadarkaa tattamsa’inni vaayrasii koroonaa irra jiru gamaaggamamee haala itti barnoonni eegaluu danda’u jiraachuu Ministeerri Fayyaa yoo mirkaneessee fi mootummaa murtoo yoo dabarse barnoonni akka eegalu Ministeerri barnootaa Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa himaniiru.

Daa’imman barnootaan ala jiran miidhamaa jiraachuu kan ibsan Dooktar Geetaahuun daa’immaniif dursi akka laatamu ibsaniiru.

Ragaan Dhaabbata fayyaa Addnuyaa akka muldhisutti amalli daa’immaan vaayrsii koroonaa qabamanii fi daddabarsa warren biroorraa gadi aanaa ta’uun ittisa vaayrasii koroonaa dhaabbatichi kaa’ee guutuumman hojiiirra oolchuun barnoota eegaluuf carraaqqiin taasifamaa jira.

Bakkeewwan tattamsa’inni vaayrasichaa itti heddumatu fakkenyaaf kanneen akka magaalaa Finfiineetti barnoonni dabaree sadiin eegaluuf karoorri qabameera jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015