Gumiin Abbootii Gadaa haala kabaja ayyaana Irreechaa bara kanaarratti ibsa miidiyaaf kenne

59

Finfinnee Fulbaana 6/2012(TOI)-Gumiin Abbootii Gadaa saaxilamummaa dhibee Koronaa hir'isuun haala ayyaanni Irreechaa itti kabajamuu qaburratti ibsa miidiyaaf kenne.

Gumichi ayyaanni Irreechaa bara baraan bakka namoon miliyoonaan lakkaa'aman argamanitti kabajamaa kan ture ta'uu yaadachiisuun, bara kana sababa weerara dhibee Koronaatiin haala baratameen kabajuun akka hin danda'amne hime.

Gumiin kun haala tatamsa'inaafi hammeenya dhibee Koronaa yaada keessa galchuun ummataaf waamicha dabarseera.

Haaluma kanaan, Irreechi Finfinnee bara kanaa Fulbaana 23, kana Hora Arsadii ammoo Fulbaana 24 kan kabajamu ta'ee, lakkoofsi namoota Malkaa bu'anii irreeffatanii akka of eeggannoof tolutti kan murtaa'u ta'uu hime.

Kunis haala ogeeyyiin fayyaa gorsaniifi walitti heddummina namaa hir'isuun kan murtaa'u akka ta'e akeeke.

Abbaa sirna guddaa kanaa kan ta'e Ummanni Oromoos waamicha Abbootii Gadaafi gorsa ogeeyyii fayyaa hordofee sirnicha akka kabajatu dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015