Nootaa Birrii jijjiiruun ameentaa diinagdee Itoophiyaa ni dabala- Hayyoota diinagdee

61

Nootaa Birrii jijjiiruun ameentaa diinagdee Itoophiyaa ni dabala- Hayyoota diinagdee


Finfinnee, Fulbaana 6, 2012(TOI) – Nootaa Birrii jijjiiruun ameentaa diinagdee Itoophiyaa ni dabala. Dureeyyoonnis hojii invastimantii irratti akka bal’inaan hirmaataniif amantaa diinagdee guddisuuf gahee olaanaa taphata jedhan hayyoonni dinagdee.


Itoophiyaatti nootaa Birrii haaraa jijjiirame ilaalchisee Koomishinarri Koomishinii Pilaaniifi Misooma Diinagdee Oromiyaa Doktar Tashoomaa Addunyaa akka jedhanitti; maallaqni hidda dhiigaa diinagdee biyya tokkooti. Namoonni waan barbaadan akka argataniif safartoo waloo ta’eefis ni tajaajilas jedhaniiru.


Maallaqni biyya tokkoo keessatti diinagdee madaaluun, kuusuufi jijjiiramni akka gaggeefamu taasisuu keessatti madaalli diinagdee biyyattii akka eeggamu ni taasisas jedhan.


Jijjiiramni Nootaa Birrii amma godhame kunis wantoota kana cimsuun Birrii kanaan dura karaa seeran alaa qabameefi dhoksamee ture to’achuun seera qabeessa akka ta’u ni dandeesisas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015