Biiroon Barnoota Oromiyaa akkaataa jalqabbii barnoota bara 2013 ilaalchisuudhaan miidiyaleef ibsa kenneera - ENA Afaan Oromoo
Biiroon Barnoota Oromiyaa akkaataa jalqabbii barnoota bara 2013 ilaalchisuudhaan miidiyaleef ibsa kenneera
Finfinnee, Fulbaana 05, 2013(TOI)- Biiroon Barnoota Oromiyaa akkaataa jalqabbii barnoota bara 2013 ilaalchisuudhaan ibsa kenneera.
Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo galmee barattootaa ilaalchisee ibsa kennaniin bara kana barattoota miiliyoona 11.2 guyyoota 15 kana keessatti ni galmeessina jedhaniiru.
Hojii ijaarsa dareewwan dabalataa kuma 30 ol ganna kana keessa hojii tajaajila lammummaatin ijaaramaniif hawaasa ijaarsarratti hirmaatan hundaa galateeffataniiru.
Hanga barnoonni jalqabuttis dareewwan ijaarsisaanii jalqabe xumuruu,barsiisota koolleejjirraa bara kana eebbifaman qacaruu fi galmee barattootaa guyyoota 15 keessatti xumuruun hojii ijoo seektarichi hojjachaa jiruudhaa jedhan Dr. Tolaan.
Hawaasni barnootaarratti deeggarsa jalqabe itti fufuudhaan barattoonni harka qalleeyyii mana barumsarraa akka hin hafneef deeggarsa baratame akka taasisaniif waamicha dhiyeessaniiru.
Gabaasni kan OBN