Lammiileen Ityoophiyaa kuma 1 fi 440 Sawuud Arabiyaa irraa gara biyyatti ni deebi’u- Ministeera Dhimma Alaa

78

Finfinnee, Fulbaana 4/ 2013 (TOI) – Lammiileen Ityoophiyaa Sawuud Arabiyaa magaalaa Jiddaatti argaman kuma 1 fi 440 Baatii qabanne kanatti gara biyyaatti akka deebi’an Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Kamisa dhufu lammiileen Ityoophiyaa 132 Libaanoos irra ni dhufu.

Jeneraal Daayrektariin Dhimmoota Qoonsilaa ministeerichaa obbo Masfiin Gabramaariyaam turtii yeroo Fulbaana 6, 2013 hanga Fulbaana 26, 2013tti Jiddaarraa deebisuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.

Kanumaan walqabatee Roobii dhufu lammiileen 300 gara biyya isaaniitti ni deebi’u jedhaniiru.

Lammiileen deebi’aan kunneen karaa seeraan alaa galaana diimaan gara Sawuud Arabiyaa kan galanii fi mana amala sirreessaa fi bakka buufata turtii godaantoota keessa kan turan ta’uu himaniiru.

Lammiileen kunneen gara biyya isaaniitti akka deebi’niif Ministeera Dhimma ALaa Ityoophiyaa, Sawuud Arabiyaatti Imbaasii Ityoophiyaa, Jiddaatti Waajjira Qoonsilaa Ityoophiyaa fi Mootummaa Sawuud Arabiyaatti Dhaabbata Godaantoota Idil Addunyaa (IOM) waliin ta’uunidha jedhaniiru.

Torbee darbe lammiileen Ityoophiyaa Sawuud Arabiyaa magaalaa Riyaad jiraatan 147 gara biyya isaanitti deebi’ii kaasaniiru.

Fuuldurattis lammiileen 334 magaalaa Riyaad irraa gara biyya isaanitti akka deebi’an beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015