Addii Bilisummaa Oromoo Hayyu duree isaa, Obbo Daawud Ibsaa hanga korri sabaa walga'utti, Obbo Araarsoo Biqilaa bakka buuse

112

Finfinne Fulbaana 04,2013(TOI)-Addii Bilisummaa Oromoo Hayyu duree isaa, Obbo Daawud Ibsaa hanga korri sabaa walga'utti, Obbo Araarsoo Biqilaa bakka bu'aanii hojii dhaabichaa akka itti fufsiisan ibsa miidiyaaf kenneen ibseera.

Akka seera ittiin bulmaata Dhaabichaatti walga'ii Gumii sabaa fi Kora saba taa'uun rakkoolee isa mudate hiikuu hin dandeenye; kun immoo Hayyuu dureen ta'e jedhanii aangoo isaanii dheerfachuuf uumaa turan jedhameera.

Addi Bilisummaa Oromoo(ABO)'n hayyuu duree qofa iratti akka rarra'uu fi qabsaa'onni buleeyyii dhaabicha gad lakkisanii akka bahan taasiseera;kun immoo ABO laamshesseera jedha ibsichi.

Obbo Daawud Ibsaa kanaan booda maqaa ABO'n sochii kamiyyuu gochuu akka hin dandeenyes ibsa dhiyaaterraa beekuun danda'ameera jechuun OBN gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015