Sudaan kibbaa mannen Barnootaa fi y Yunivarsiitiiwwan irra deebiin banuufi - ENA Afaan Oromoo
Sudaan kibbaa mannen Barnootaa fi y Yunivarsiitiiwwan irra deebiin banuufi
Finfinnee Fulbaana 4/2013(TOI)- Sudaan Kibbaa sababa covid-19f ji’oota jahaaf manneen barnootaa cuftee kan turte yoo ta’u manneen barnootaa guyyaa har’aa irraa eegalanii barattoota simataanii barsiisuu akka itti fufan beeksifte.
Murtee kana marii yeroo darbe Salvakir kaabinee isaa waliin murteessan irraa ka’uuni jechuun BBCn gabaase.
Ministeerri barnootaa Elsabet Achiyyuu namoonni vayirasichaan qabamaa jiran hir’ataa waan dhufaniif manneen barnootaaf yunivarsiitiiwwaan irra deebiin akka banaman murteessan.
Ji’a bitootessaa keessa namni vaayirasichaan qabame biyyattitti mul’annaan manni barnootaa akka cufamu murtaahuu gabasichi yaadachiisee jira.
Ministeerrii barnootaa biyyattii ibsa magaalaa juubaatti kennaniin manneen barnootaa banamuun gaarii ta’uu ibsuun, kutaaleen barnootaa dabalataan ijaramuun ofeeggannoon godhamuu qaba jedhan.