Addunyaarratti lakkoofsi namoota guyya tokkotti vaayirasii koroonan qabaman inni olaanaan galmahe

62

Finfinnee,Fulbaana 4,2013(TOI)- Dhaabbani fayyaa Addunyaa akka beekisiseetti lakkoofsi olaanaan namoota guyyatti vaayirasii koroona qabaman galmahera.

Saatii 24 darbeetti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii kuma 307 fi 930 ta'ee galma'era.

Guyyaa kanattis namoonnii 5500 vaayirasichaan du'aniru. Kana dabalatee haga ammaatti lakkoofsi namoota vaayirasii koronaan du'anii addunyarratti kuma 917 fi 417 gaheera.

Haga ammaatti biyyoonni lammileen isaanii vaayirasii kanaan caalatti qabaman Hindi, Ameerikaa,fi Biraazilidha.

Sadarkaa addunyatti namoonni miliyoona 28 caalaan vaayirasii kanaan qabamaniru. Isaan kan keessa walakkaan lammilee Ameerikaati. Kanaan dura lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaan guyyaa tokkootti qabamanii kan galma'ee 306,857 akka ture ibsamera.

Maddi:- BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015