Ugaandaaf Tanzaniyaan sarara boba’aa daddabarsu doolaaraa biliyoona 3.5 ijaaruuf waligalan

95


Finfinnee Fulbaana 4/2013(TOI)- Ugaandaaf Tanzaniyaan sarara boba’aa daddabarsu kilomeetira 1,445 doolaaraa biliyoonaa 3.5 ta’uun  ijaaruuf waligaltee mallatteessan.

Pirojektiin doolaara biliyoona 3.5 kun iddoowwan boba’aa Ugaandaa buufata Tanzaniyaa taangaa waliin akka wal qunnamsiisu BBC beksisee jira.

Sirna waligaltichaa irratti pirezedaantonni biyyoota lamaanii argamanii jiru.

Bara 2006tti Ugaandatti kuufamni boba’aa argamus ujummoo alatti ittiin ergan dabalatee bu’uuraaleen misoomaa waan hin jirreef omishni misaa harkifate.

Afrikaa Bahaatti ujummoo boba’aa dabrsu kan jalqabaa ta’ee ijaarramuuf jiru kun guyyaan ijaarsi eegalamu hin ibsamne.

Pirojektii kana kampaanii Chaaynaa,mootummoota Ugaandaa fi Tanzaniyaa ta’uun karoricha kaampaanii Faransay guddicha Total jedhamutu hoggana.



pirojektichi harki 80 Tanzaniyaa keessa kan darbu yoo ta’u lammiilee biyyattii kuma 18 ta’aniif carraa hojii uuma jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015