Hoggantoonni mana hojii Ministirichaa fi Misiyoonaa namoota harkaqalleeyyiif deeggarsa birri kuma 315 kennaan. - ENA Afaan Oromoo
Hoggantoonni mana hojii Ministirichaa fi Misiyoonaa namoota harkaqalleeyyiif deeggarsa birri kuma 315 kennaan.
Finfinnee,Qammee,4/2012 ( TOI)-Hooggantoonni mana hojii dhimma alaa fi Misiyoonaa namoota harkaqalleeyyif gargarsaa birri kuma 315 tasisaan.
”Ergamni dipiloomasii keenya badhaadhina biyya keenyaaf " mata duree jedhuun hagayya 18/2012 irra jalqabee walgahiin waggaa kan hoggantoota mana hojii Ministira dhimma alaa fi Misiyoonotaan ta'ama ture xummuramera.
Hirmaattoonni walgahii kanas ayyanaa bara haaraa Itoophiyaa sababeeffachuun harka qalleeyyii gargaaruuf maallaqa walitti qaban arjoomuu isaanii odeeffannoon waajjira dubbii hima ministera dhimma alaa irra argamee ni mul'isa.
Gargaarsi kunis jiraatoota magalaa Finfinnee harka qalleeyyi ta'aniif meeshaaleen barnootaafi qulqulliinaaf oolaan kan ittin butamuuf ta'uusaa waajjira dhimma alaatti jeneraal dareeterii dhimma dubartootaa, dargaggootaa fi da'immanii kan ta'an addee Almaaz Gabayyoo himaniru.
Walgahiin bara kana ta'amees hojii karoora waggaa kan Imbaasiwwanii fi qonsilaawwanii kan gamaggamee ta'us , harka caalaan garuu dhimma imammata dhimma alaa haaraa bahee irratti xiyyeeffannoon mariyate.