Talaalliin Covid-19 kan Yuunivarsitii Oksifoordii fi dhaabbata AstraZeneca jedhamuun hojjetamee sadarkaa yaaliirra ga’ee ture, erga marsaa xumuraa irra ga’ee booda addaan cite.

133

Sababaan taalallin yaalirra jiru kunadda cituu danda'eef namoonni yaaliif talaallii kana fudhatan erga miirri dhibamuu irratti mul'ateen booda jedhamera.

Dhaabbati AstraZeneca jedhamu akka jedhutti, namoonni yaaliin irratti gaggeeffame waan dhibamaniif yeroof hojiin talaallii kanaa dhaabbateera.

Addunyaarratti bu’aawwan qorannoo talaallii Covid-19 biyyoota garaagaraa keessatti hojjetaman sadarkaalee yaalii adda addaa irratti argamu.

Kanneen keessaa talaalliin dhaabbati AstraZeneca fi Yuunivarsitiin Oksifoordi waliin ta’uun argatan isa tokko.

Talaalliin kun yaalii marsaa 1ffaa fi 2ffaa darbuun ulaagaa erga guutee booda abdiin hedduun irra kaa’amee turus, amma garuu rakkoo mudateen yeroof adda citeera.

Talaallii Covid-19 kan jalqaba gabaatti ba’u ta’a jedhamees abadatamaa ture.

Talaalliin kun marsaa 3ffaa keessa darbuuf, US, UK, Biraaziil fi Afriikaa Kibbaa keessatti namoota 30,000 irratti yaalii taasisaa ture.

Yeroo baay’ee talaalliin tokko marsaa 3ffaa keessa darbuuf hirmaattota hedduu irratti yaalii taasisuu qaba, waggoota hedduu itti fudhachuus danda’a.

Kan Yuunivarsitii Oksifoordi fi AstraZeneca marsaa kana keessa osoo jiruu namoota talaallicha fudhatanirratti amalli dhibamuu waan mul’ateef hanga qaama walabaan sakatta’amee sababi isaa adda ba’utti dhaabneerra jedhan Dubbi Himaan Oksifoordi.

Rakkoon mudate erga adda ba’ee furamee booda yeroo muraasa keessatti talaallii kana itti fufnas jedhan.

Addunyaarratti talaalliiwwan Covid-19 180 ta’an jiraachuu kan ibse Dhaabbati Fayyaa Addunyaa, talaalliin Yuunivarsitii Oksifoordi fi AstraZeneca garuu ulaagaa bu’a qabeessummaa fi nageenyummaa guutuu fi dhiisuun isaayyuu siichi waan ilaalamuuf hojiirra ooluuf yeroo fudhata jedheera.

Maddi:- BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015