Dubartii Afriikaa yeroo jalqabaaf NASAtti qacaramtee hojjechuu jalqabde.

163


Finfinnee, Qaammee 4, 2012 (TOI) – Niijeer Fadjii Maayinaa, dubartii Afriikaa jalqabaa jabduu dhaabbata hawaa fi wantoota hawaa keessa jiran qoratu(NASA) keessatti qacaramtee hojjetaa jirtu taateetti.


Haayidirooloojistiin umrii waggaa 29 kun digiriishee sadaffaa(PhD) bara Faranjoota 2016 argatte.


Dhaabbata addunyaarratti beekamaa ta'e NASA kan US keessatti argamu ammoo dhuma ji'a darbee seente.


Carraa hojii argatte kanaan biyyashee fi ardii Afriikaa akka gargaaruuf karoorfatte dubbatte Fadji Mayina.


Dubartiin akka kiyyaa Niijeer keessaa baatee NASA seentee jedhee namni yaadu hin jiru, garuu akka danda'amu beekuu qabu jetti.


Dhaabbata akka NASA keessatti namoota keenya hedduu qabaachuu qabna jetti Fadjii Maayinaa.

Maddi:- BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015