Duula Qorannoo fi Sosochii hawaasan vaayirasii koroonaa qorachuuf tasifameen namoota Miliyoona 1 qaqabamera- Ministira Fayyaa

116

Finfinnee,Qaammee 03,2012(TOI) - Duula Qorannoo fi Sosochii hawaasan namoota vaayirasii koroonaan qabaman adda baasuuf tasifameen namoota miiliyoona tokkoo ta’an adda baasuun danda’amuun himame.


Duula ‘Qorannoo fi Sosochii hawaasa’ jechuun jalqabamen duula Ittisaa fi to’annoo vaayirasii koroonaa waligalaa ilaalchise ministeerri Fayyaa guyyaa har’a ibsa baasera.


Duula sosochii biyyaaleessaa kanan aanaalee kuma 1 fi 95 walingahuun kan danda’amera. Sadarkaa biyyattis namoota miliyoona 1 qaqabuun adda baasuun danda'amuun himamera.


Jalqaba baatii Hagayya kaase hanga ammatti duula kanan waligalatti namoota kuma 575 qoorachuun danda’amuu ministeerichi ibsa baase irraatti beeksiseera.


Erga dhibeen kun mudatee kaasee lakkoofsi namoota qooratamani gara miiliyoona 1 fi kuma 44 gahuu kan beeksise ministeeriichi duula kanan dura guyyaatti humni qorachuu giddugaleessan kuma 6 kan ture gara kuma 19tti ol guddisuun danda’ameera jedheeras jedhera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015