Addunyaan weerara dhukkubaa gara fuula duraa umamuu danda'uuf qopha'uu qabdi--Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

79

Finfinnee,Qammee,03,2012(TOI)- Hoogganaan dhaabbata fayyaa addunyaa dooktor Teediroos Adahanoom kaleessa ibsa kennaaniin biyyoonni addunyaa fayyaa hawaasaaf xiiyyeeffannoo keennanii hojjechuu akka qaban akeekachisaniru.

Keessattu addunyaan weerara dhukkuboota gara fuula duratti umamuu danda'aniif a dursitee qopha'uu akka qabdu akeekachisaniru.

Akka Rooyiitars gabaasa erga vaayirasiin koroona dhuma bara 2019 Chaayinaatti argamee egaleen qoradhe jedhee qobbesseetti haga ammaatti sadarkaa addunyatti namoonni vaayirasii koroonaan qabaman Miiliyoona 27 olidha.

namoonni 888 326 ta'an immoo vaayirasii kanaan qabamanii du'aniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015