Manni murtichaa obbo Jawaar Mahammad dabalatee shakkamtoota hanga tarree 10 caqafaman abbaan alangaa hanga fulbaana 8/2013tti himata akka irratti banu beellama kenneef

108

Finfinnnee Qaammee 2/2012(TOI)- Manni murtii sadarkaa 1ffaa dhaddacha yeroo beellamaa  dabaree Araadaa obbo Jawaar Mahamadif Baqqalaa Garbaa dabalatee shakkamtoonni himata isaanii jalatti caqafamaan hanga 10 kan jiran abbaan alangaa hanga fulbaana 8/2012 himata akka banu manni murtii beellama kennef.

Manni murtichaa ragaalee shakkamtoota kana irratti dhagahaman qaammee 2-5/2012 yaada isaanii fudhachuun hanga fulbaana 8/2013tti himata irrati banuu akka qabu beellama laateef.

Shakkamtoota tarree 11 hanga 14 jiran immoo guyyaa 5 keessatti akka himata irratti banu beellama laateef.

Gaaffii mirga wabii shakkamtoonni kun dhiheessan kuffisuun mana hidha akka turan ajeja kennee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015