Lammmilee kuma 600 sababaa balaa lolaan rakkoon irra gahee gargaarsii tasifamii jira

85

Finfinnee, Qammee 2/2012 (TOI) - Rooba cimaa ganna kana roobeen bakkeewwan adda addaatti lageen guutuun lolaa lammilee kuma 600 ol qe'ee fi qabeenya isaaniirra isaan buqqisera.

Lammilee sababaa lolan rakkoon irra gahee kanaaf gargaarsa barbaachisu gochaafii jirachuu komishiniin hooggansa balaa biyyaleessa himera.


Jidduu kanas qamoolee dhimmi ilallatu kanneen biroo waliin ta'uun lammilee lagni Awash guutuun Naannoo Affaritti balaaf saaxilee dawwatamera.


Bara kana lagni Awash haalaa kanan dura hin baramneen guutuun lammilee hedduu irran bala geesiseera.

Awash bara kana guutuun godina shawa bahaa Aanaa Fanatallee qofatti lammilee kuma 25 ol qe'ee fi qabeenya isaanirra godanisiseera.

Hoggantoonni komishinichaas magaalaa Matahaarattis namoota lagni Awash qe'ee isaanirra buqqise bakka isaan qubatanitti dhaqee haalaa isaan irra jiran ilaalera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015